1. Home /
  2. Public & government service /
  3. Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu

Kategori



Allmän information

Telefon: +46 8 34 30 36



Anhängare: 1462

Recensioner

Lägg till recension

Facebook -blogg



Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 20.01.2022

Oduu adabbii!! * Himatamaan yakka bosona mancaasuu raawwate adabame. Himatamaan/yakkamaa ammaa kun lafa qonnaa bal'ifachuuf yaaduun mukkeen gosa adda addaa daangaa bosona uumamaa seenuun lafa hekteera 1.04 irraan bosona mancaase himatamee, gochaa isaa kun ragaan waan mirkana'eef dhaddacha gaafa 13/04/2013 ooleen adabbii hidhaa waggaa 1 fi qarshii kuma kudhaniin labsii 1065 jalatti adabameera.

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 07.01.2022

Gabaasa raawwii karoora hojii mana hojii keennaa GBIX bu'uureffachuun dhiyaate osoo qaamolee dhimmi ilaaluuf hin ergamin gamagamneerra. Hanqinaa fi cimina jiru addaa baasuun gabaasicha mirkaneessineerra. Keessattu kurmaana kana raawwii gama hundaan jiru gaarii hojii hojjatamaa turee fi gabaasichaan hubatameera. Cimina argame cimsaa hanqina immoo irratti kan hojjatamu ta'uu waliigaluu xumureerra. t.me/MHAAASB

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 20.12.2021

Guyyaa tiivaanii marii paanaaliitiin Waajira dhimma dubartootaa fi daa'immaanii Aanaa Sabbaa Boruutiifi Dhaabbata Mit-mootummaa Rift Valley waliin ta'u kabajameera. Kanumaan dhimmoota miidhaa dubartootaa irratti raawwatamu, haala ittisa isaa fi gahee qooda fudhattootaa fi hawaasaa maal akka ta'e hubannoo uumuun kallattii fuula duraa kaa'uun xumurameera.

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 12.12.2021

Dambii bulchiinsaa fi Naamusa A/Alangaa Naannoo Oromiyaa Tumuuf bahe 218/2013 t.me/MHAAASB

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 24.11.2021

===== Naamusa ogummaa===== Naamusni ogummaa duudhaalee naamusa namoota miseensota ogummaa ta'e tokko keessa jiranirraa eeggamuudha. Akka beektonni tokko tok...ko hiikanitti "Naamusni ogummaa akka naamusa Waliigalaa nama kamiiyyuu irratti Kan raawwatiinsa hin qabaannee fi Amala hojii ogummaa ykn dhaabbata tokko waliin Kan hidhata qabuudha. Ogummaan seeraa naamusa olaanaa Kan barbaadu dha.Naamusni ogummaa seeraa duudhaa Isa xiqqaa ogummicha keessatti fudhatama qabu Kan ogeessi tokko ogeessa Kan biraatiif akkasumas maamila isaatiif qabaachuuf dirqamudha jechuudha. Ogeessonni gosa ogummaa walfakkaatu keessa jirru beekumasaa fi ogummaa keenya karaa sirriidhaan fayyadamanee dirqama ogummaa fi ittigaafatamummaa keenya akka bahannuuf duudhaa namusaa qabnu hojii irra olchuun barbaachisaadha. See more

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 22.11.2021

Gargaaru nurra jiraata! Kana qofa adoo hin taane kanaan boodas rakkoon akkasii yoo uumamu akkaataan maatiin A/Alangaa rakkoon irra gahe ittiin gargaaramuu danda'an fi AA hunda hirmaachisuu danda'u MHAAAWO qopha'uu qaba jenna!

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 06.11.2021

Jiraattota Aanaa keennaa maraaf. * * Hojiiwwan ijoo seeraan mana hojii Abbaa Alangaatiif kennaman keessaa, dhimmoota siivilii/hariiroo hawaasaa raawwachuudha. Manni hojii keennallee kanuma bu'uureffachuudhaan.... 1.Namoota harka qalleeyyii ta'anii, 2. Qabeenya kan qaban yoo taatelle sababa humnaan oliitiif itti fayyadamuu kan hin dandeenye keessattuu dubartootaa; 3. Namoota biroo kanaan walfakkaataan bakka bu'uudhaan tolaan/baasii malee Himannaa barreessuu, Deebii barreessuu, Bakka bu'anii falmuu Murtii raawwachiisuu fi dhimmoota biroo kanaan wal qabatan kan raawwannuuf ta'uu beektanii akka itti fayyadamtan ykn immoo namoota gosa akkanaa kan beektan yoo taate gara mana hojii keennaatti akka qajeelchitan beeksifna. Hubachiisa namoonni kunniin yoo tajaajila argachuuf dhuftan ragaa harka qalleessaa ta'uu ibsuu fi harka qalleessas ta'uu yoo dhabe qabeenyaa isaa/ishii itti fayyadamuu kan dandeenye ta'u ragaa ibsu qabadhaa koottaa!!

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 23.10.2021

t.me/MHAAASB kun link telegram mana hojichaati. Seerota garaagaraa irratti argattu. Join godhaa!

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 13.10.2021

Telegram mana hojii keennaa link armaan gadii tuquun join godhaa!

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 06.10.2021

Guyyaa 10/03/2013 fi 11/03/2013 mata duree seera maatii, seera dhaalaa fi mirga dubartootaa, qooddaa qabeenyaa hiikkaa gaa'ela hordofee raawwatamu keessatti mirga dubartootaa, namoota barmaatilee miidhaa geessisanii fi itti gaafatamummaa hordofsiisu fi kanneen biroo irratti leenjii hubannoo cimsu caasaa ganda kanneen akka dhimma dubartoota gandaa fi abbootii murtii mana murtii hawaasummaa gandoota 10 irraan walitti bahaniif hubannoon bal'aan kennameera. Hawaasni dirqama fi mirga isaa beeke yakka ittisuu keessatti fi mirga ofii fi nama biroo kabajuu fi kabachiisuu keessatti shoora ol'aanaa waan qabuuf kanaan boodallee manni hojii keenna cimsee itti fuufa. Kana kan akka milka'uuf gumaachaa jirtanii fi turtan dhaabbi miti mootummaa Rift Valley, waajirri dhimma dubartootaa Aanichaa fi waajirri bulchiinsa Aanaa galatoomaa jenna!!

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 29.09.2021

Sadaasa 8, 2013 #jijjiirraa A/Alangaa Aanaa Jijjiirraa Abbootii Alangaa Aanaa maxxansa armaan gadii irraa argachuu kan dandeessan yemmuu ta'u, jijjiirraan kun S...adaasa 1, 2013 irraa eegalee hojiirra kan ooludha. Finfinnee MHAAWO

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 26.09.2021

Ramaddii dhaabbii Abbootii Alangaa Godinaa ramaddii yerootiin hojjachaa jiranii

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Sabbaa Boruu 19.09.2021

Guddina sadarkaa olee(Godinatti) barnoota fooyyeffachuudhaan